mercredi 10 avril 2013

Takko yoo jechuun hin danda'amne lama jechuun gonkumayyuu hin danda'amu.bilisummaa dhabuunis haaluma kana irraa sababa maddeef malee oromoo qabsoo hidhannoo gochuu dhiisee miti.qabsoon bilisummaa oromoo bara 1950mmaan keessa yoo jalqabameyyuu isa duran jaarraa 15ffaa keessas qabsoon bilisummaa oromoo geggeeffamaa hanga yoonatti bakka gahuu baatullee sababa tokko otuu hin jedhin lama jechuun hin danda'amneef yeroon adeemsa qabsoos akka dheeratuu fii akka afanfaajja'u yoo ta'eyyuu galatni guddaan waaqayyoof haa gahu hanga yeroo ammaa kanatti sochiin qabsoo bilisummaa oromoo addaan hin citne.hin citus.haala adeemsa qabsoo bilisummaa oromoo kana keessatti bu'aa bahii baayyee fii gaaga'umsa lubbuuwwan baayyeen itti dhabamaniif karaa goototni oromoo irratti wareegamaa turanii fii wareegamaa jiran irratti ammas sabboontotni baayyeen tarree galuudhaan lubbuu isaanii wareegamaaf qooduf qophii ta'uun isaanii ilmaan oromoo hedduu akka isaan oromummaa isaanitiif falmatan isaan taasiseera.qabsoon kun ammas ittuma fufa.

Haaluma kanaan wal qabatee oromoon biyyuma isaa fii biyyee isaa irratti lammii lammaffaa ta'ee jiraachaa kan jiru yennaa ta'u lammii lammaffaa sanayyuu ta'ee jiraachun ammoo yeroo ilmaan tigraay biyya bitan kana keessatti lammii lammaffaa ta'anii jiraachun suniyyuu dadhabamuu irraa kan ka'een ilmaan oromoo biyyota africa kan biyyattii habashatif ollaa ta'an keessatti dararamaa jiraachuu fii biyyuma itti baqatan sana keessaayyuu ukkamsamanii arka ilmaan tigraaytti deebi'aa jiraachuis yeroo kana keessatti kan babaldhachaa jirudha.egaa rakkoo kana gonkuma dhabamsiisuf qabsoon hidhannoo sirnaan geggeeffamuu qaba karoorri jedhu yennaa labsamutti warri afaanin oromoo ta'ee garaan isaanii biddena wayyaanee yaadu ammoo sabboontota of fakkeessudhaan qabsoon kun kan miilla tokkoon deemaa ture akka jilbeebbin deemu gochuuf warri tattaafatan maqaa adda bilisummaa oromoo jedhu gara maqaa biraatti jijjiiranii gumaa gootota oromoo balleessaa warri jiran qabsoo afanfajjessanii walumaa galatti qabsoon kun hundeen isaa akka baduu fii alabaan adda bilisummaa oromoo kan dhiiga gootota lakkoofsa inqabneen dhaabbatte akka jijjiiramtu warri jedhanis bakka jiranitti akkamitti tokko jedhanii lama jechuun danda'ama isa jedhu xiinxaluun barbaachisaadha.

Gara ijoo dubbiitti yennaan as deebi'u yeroo ammaa kana waanti beektotaa fii hayyuu oromooti jedhaman karoorri isaan qabachaa jiran Ethiopia keessan oromiyaa ijaarra jecha jedhu yennaa ta'u biyya habashaa keessan oromiyaa ijaaruun gonkumayyuu hin danda'amu.oromiyaan duraanis kan jirtuu fii yoomiyyuu jiraachaa kan turte malee biyya ollaa oromiyaa keessan oromiyaa deebisanii ijaarun bishaan akaawuu waan ta'eef kaayyoon amma ololamaa jiru kun dhaloota oromoo boruu(new jeneration)kaayyoo cubbuu fii faallaa kan ta'e dhaalchisuuf warra alkanii fii guyyaa hojjachaa jiranidha.

warri gaafa mootummaa hailasilasie biyyaa bahe ammas oromiyaa Ethiopia jedhee waamaa jira.inni kunis rakkoo gurguddaa kan uume yennaa ta'u qabsoo bilisummaa oromoo kan yeroo dheeraa geggeeffamaa turee fii jiru otuu beekanuu gurra cuqqaallatanii habisinia keessan oromiyaa ijaarra kan jedhu gareen otuu haqa hubachuu danda'u haqa jalaa mucucaachaa jiru kun qabsoo bilisummaa oromoo irraa akka dhaabbatanii fii akka of qusatan amma danda'ametti fuundura isaanii dhaabbachuudhaan qabsoo cimaan duraan dursee isaan irratti geggeeffamuu qaba.bakka walaba ta'anii oromiyaa deebisanii ijaarun danda'amutti ammas akkuma kaleessaa warra ethiopia jiraachisuu barbaaduu fii maddi isaanii habasha ta'e wajjin yeroo hunda gowwoomun akkamitti sammuu keenya keessatti hubannaa argachuu dadhabe?

Dhuma irratti waantin dhaammachuu barbaadu ilmaan oromoo warra dammaqinsa argatanii fii kaayyoo haqaa irratti ammas wareegamaa jiran ilaalchisee dhaamsa koo qaqqabsiisun barbaada.innis warra kaleessa gurraa duudee biyyaa bahe ammas gurri isaanii hamaa hin dhageenye hojii godhannee kaayyoo qulqulluu kan kaleessa goototni qaqqaalin itti wareegaman galmaan gahuu fii mirkaneessuu keessumatti haala yeroo ammaa garee sobduun walii galtee jedhanii geggeessaa jiran hubachuudhaan tattaaffin karaa sabboontota oromoo jajjabaatee itti fufuu qabu yoo jiraate ilmaan oromoo warra amma lafaa ka'aa jiran dhaloota xixxinnaa warra gurra qeensee qabsoon bilisummaa oromoo eessa gahaa jira jedhanii abdii guddaan eeggachaa jiran kanaaf kaayyoo qulqulluun akkamitti isaan qaqqabuu akka qabuu fii seenaa fokkisaa isa amma garee cubbuun ijaaramtee kan amma olola ofaa jiran kana jalaa dhaloota boruu warra gumaa gootota oromoo baasuf qophii irra jiran cubbuu kana jalaa baraaruu fii seenaa haqaa dhaalchisuu irratti walii galteen haa hojjannu.

            Gadaan gadaa bilisummaati.
                             Akkawaaq  Jaalataa  Oliiqaa 10/04/2013

Aucun commentaire:

Enregistrer un commentaire